Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti qormaata kutaa 12ffaa haala addaan laachuuf qophiin xummuramuu Biiroon Barnootaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiise.
Naannichaatti barattoonni kutaa 12ffaa kumni 12 ol jiraachuu itti aantuu hoggantuun Biiroo Barnootaa naanichaa Injiinar Asteer Yitibaarak eeraniiru.
Qormaata biyyaalessaa sadarkaa biyyaatti Gurraandhala 29, 2013 eegalee laatamuuf barattoonni naannoo Tigraay Yuunvasiitiwwan naannichatti argaman 4 keessatti qormaata kutaa 12ffaa kana akka fudhatan qophiin taasiifamuu eeraniiru.
Barattoonni kutaa 12ffaa naannichaa hanga Gurraandhala 23, 2013tti Yuunvasiitii Maqalee, Aksum, Addigraatii fi Raayyaatti qaamaan argamuun gabaasa akka taasiisan waamichi dhiyaateera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.