Naannoo Tigraayitti qormaanni kutaa 12ffaa onlaayinii fi waraqaan kennamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Naannoo Tigraayitti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa onlaayinii fi waraqaan kennamaa jiraachuun eerame.

Naannichatti sirna barnootaa duraaniin kanneen baratanii fi barattoota bara 2013 fi 2014 qormaata fudhachuu qabaniif kennamaa jiraachuun ibsameera.

Qormaatichi Yuunivarsiitiiwwan Maqalee, Aksum, Addigiraat fi Raayyaatti kennamaa jiraachuun kan eerame yoo ta’u barattoonni kuma 54 qormaatichaaf taa’uu ibsameera.

Qormaanni kutaa 12ffaa kun Adoolessaa 2-12, 2016tti akka kennamuu ragaan Biiroo Barnootaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

Naannichattis qormaatichi onlaayinii fi warqaan kennamaa jiraachuu Tajaajilli Madaallii fi Qormaatilee Barnootaas beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

+3
All reactions:

88

Comments (0)
Add Comment