Naannoo Tigraayitti oomishaaleen nyaataa Birrii biiliyoona 5.4 olitti tilmaamaman raabsaman – Obbo Mitikkuu Kaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti oomishaaleen nyaataa Birrii biiliyoona 5.4 olitti tilmaamaman raabsamuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa ibsan.
Komishinar Mitikkuun haala deeggaarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasiifamaa jiru ilaalchisee guyyaa har’aa kallattiin Waajjira Muummee Ministiraarraa ibsa taasiisaaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun naannichatti deeggarsa namoomaa taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Erga duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu xummuramee eegalee naannichaatti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.
Deeggarsa namoomaa marsaa duraan lammiileen miiliyoonni 4.5 fayyadamoo ta’uu dubbataniiru.
Deeggarsa namoomaa marsaa 2ffaan ammoo lammiilee miiliyoona 5.2 fayyadamoo taasiisuun danda’amuu eeraniiru.
Hanga ammaatti midhaan nyaataa Tooniin kumni dhibbi 1 fi kumni 70 fi 798 dhiyaachuu eeruun, Birrii biiliyoonni 5.4 ol baasii ta’uu himaniiru.
Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa marsaan duraa fi 2ffaan % 70 mootummaan, % 30 ammoo dhaabbilee deeggartootaan uwwifamuu dubbataniiru.
Deeggarsa namoomaa marsaa 3ffaarratti mootummaa dabalatee qaamoleen jahaa hirmaannaa taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Sagantaan Nyaata Addunyaa, Woorlid Viizyinii, Keer Intarnaashinaal, Dhaabbanni Tigraay Deebisanii Ijaaruu fi ‘Fooddi Foor Hangirii’ jedhaman naannichatti hojii deeggarsa namoomaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan deeggarsa taasiifamaa jiruuf to’annoo fi hordoffii taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojiin deeggarsa dhiyeessuu kun akka milkaa’uuf haalli mijataan uumamaa jira jedhan.
Yeroo ammaas lammiileen miiliyoonni 5.2 deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu Komihinar Mitikkuun dubbataniiru.
Kanneen keessaa miiliyoonni 1 fi kumni 10 fayyadamtoota misooma Seeftineetii ta’uu fi kumni dhibbi 4 fi kumni 36 baqattoota Eertiraa akka ta’an ibsaniiru.
Namoonni kunneen baajata mataa isaanii waan qabaniif deeggarsa namoomaa laatamu keessatti hin hammataman jedhan.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment