Naannoo Tigraayitti nageenya lammiilee nagaa eegsisuu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf murannoon hojjetamaa jira – Waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC) – Mootummaan Federaalaa naannoo Tigraayitti nageenya lammiilee nagaa eegsisuu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf murannoon hojjechaa jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.
Naannoo Tigraayitti nageenya lammiilee nagaa eegsisuu fi kutaa hawaasaa balaaf saaxilamoo ta’aniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf murannoon hojjetamaa jira jedhame.
Mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti akkuma eegaleen koreen Ministeera Nageenyaan durfamu hoggantoota olaanoorraa hundaa’uu waajjirichi ibseera.
Koreen kun garee ABUT seeratti dhiyeessuuf tarkaanfii fudhatamaa jiru keessatti kutaa hawasaa kallattiin miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa namoomaa biyyaalessaa fi dhaabbilee deeggartootarraa argamu walitti qabuun raabsaa turuu eerrameera.
Korichi daawwannaa taasiise hordofee deeggarsi marsaa duraa midhaan nyaataa fi kanneen biroo gama mootummaa federaalaan akka raabsamu taasiisuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.
Deeggarsi namoomaa marsaan jalqabaa Daanshaa, Walqaayit, Qaaftaa Humaraa, fi Dabaarqitti raabsamuu eerrameera.
Sadaasa 29, 2013 midhaan nyaataa kuntaalli kumni 18 naannoo Tigraay iddoolee garaagaraatti raabsuuf gara Shiree ergamuu ibsameera.
Akkasumas deeggarsi midhaan nyaataa kuntaalli kumni 5 fi 500 gara Allaamaaxaa, kuntaalli kumni 12 fi 500 fi daakuun kuntaalli kumni 7 gara Maqalee ergamuu isaa waajjirichi ifoomseera.
Dabalataan dhiyeessiin meeshaalee yaalaa konkolaattoota gurguddoo 3n Maqalee gale guyyaa boruu kan raabsamu ta’uu eerrameera.
Dhiyeessiin meeshaalee yaalaa konkolaattoota gurguddoo 7n gara magaaloota Shiree fi Addigraat raabsamuus himameera.
Motuummaan Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa lammiilee naannoo Tigraayiif dhiyeessuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin waliigaltee mallatteessuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment