Naannoo Tigraayitti lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsi namoomaa imalchiifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsi namoomaa barbaachisaa ta’e konkolaattoota gurguddoon gara naannichaa imalchiifamaa jiraachuu himameera.

Sagantaan nyaataa addunyaa dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun haaluma mootummaan waamicha dhiyeesseen deeggarsa namoomaa magaalaa Samaraa gara naannichaa imalchiisaa jiraachuu ibsameera.

Midhaan nyaataa, midhaan badhaadhaa fi meeshaaleen garaagaraa gama Sagantaa nyaataa addunyaa lammiilee rakkoof saaxilamaniif dhiyaachaa jiraachuu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment