Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 3 fi kuma dhibbaa 1 fi kuma 65 oliif deeggarsi namoomaa raabsamuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa obbo Mitikkuu Kaasaan ibsan.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichatti gaggeeffame hordofee lammiilee hedduu rakkoo namoomaaf saaxilamaniif deeggarsi dhiyaataa jiraachuu eeraniiru.
Deeggarsa mootummaan taasiisu cinaatti dhaabbileen miti mootummaa 10 ta’an rakkoo qaqqabe furuuf hirmaannaa olaanaa taasiisaa jiraachuu obbo Mitikkuun ibsaniiru.
Deeggarsichi giddu gala qindeessa deebii laataa yeroo ariifachiisaa magaalaa Maqalee, Manneen Hojii Federaalaa, Seektaroota Biiroolee naannichaa, bakka buutoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi dhaabbilee deeggarsaa idila addunyaa kan hammate ta’uu isaan rakkichaaf deebii bal’aa laachuun danda’amuu dubbataniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.