Naannoo Tigraayitti iddoolee deeggarsa namoomaa isaan barbaachisuu keessaa % 80 deeggarsi qaqqabeera – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti iddoolee deeggarsa namoomaa isaan barbaachisuu keessaa % 80 deeggarsi qaqqabuu itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.
Hanga ammaatti naannoo deeggarsa namoomaa barbaadan keessaa % 80 deeggarsa qaqqabsiisuun danda’amuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Mootummaan naannichatti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu hojii ijoo taasiisee hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri olaanaan dhimmoota Godaantootaa Filiippoo Giraand buufata baqattootaa Eertiraa naannoo Tigraayitti argamu daawwachuun isaanii kan yaadatamuudha.
Daawwannicha booda itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waliin marii taasiisaniiru.
Qaamoleen lameen ibsa waloo miidiyaaleef laataniiniiru.
Naannoo Tigraayitti iddoolee deeggarsa namoomaa isaan barbaachisuu keessaa % 80 deeggarsi qaqqabuu itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.
Mootummaan Ityoophiyaa naannichatti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu hojii ijoo taasiisee hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Deeggarsichi nyaata madaallawaa, bishaanii fi galteewwan yaala fayyaa kan hammate ta’uu ibsaniiru.
Godaantoota Eertiraa sababa sodaa nageenyaan naannoo adda addaatti bittannaa’iin turan gara buufataatti deebiisuuf hojii bal’aan hojjetamuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment