Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti hanga ammaatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi yeroo ariifachiisaa Birrii biiliyoona 3.7 dhiyaachuuu ibsameera.
Marsaa duraan lammiilee deeggarsa barbaadaan miiliyoona 4.5f deeggarsi dhiyaachuu fi marsaa 2ffaa ammoo lammiilee miiliyoona 2.7f deeggarsi qaqqabuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa obbo Mitikkuu Kaasaa ibsaniiru.
Deeggarsi hanga ammaatti taasiifame % 70 mootummaan kan uwwifame yoo ta’u, yeroo ammaa hirmaannaan dhaabbilee deeggartootaa akka guddatu taasiifamuu himaniiru.
Aanaalee naannichaa 92f deeggarsi namoomaa % 86 dhaabbilee deeggartootaan kan dhiyaatu ta’uu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni naannichaa hojii qonnaa isaaniirraa akka hin gufanne galteen qonnaa dhiyaachaa jiraachuuf eeraniiru.
Ityoophiyaa keessatti hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 2.1 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, hanga ganna dhufuutti % 40 gara qa’ee fi qabeenya isaaniitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.