Naannoo Tigraayitti duulli taalaalli ittisa Pooliyoo eegale

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Naannoo Tigraayitti duulli taalaallii ittisa Pooliyoo sadarkaa naannichaatti eegaleera.

Duulli talaallichaas har’a Magaalaa Maqaleetti kan eegale yoo ta’u, sirna jalqabsiisa duulichaarratti qondaaltota mootummaa dabalatee bakka bu’oonnii dhaabbilee tumsitootaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Itti Gaafatamaan Sekireetaariyaatii Kaabinee Misooma Hawaasummaa Bulchiinsa Yeroo Naannichaa Pirofeesar Kindeyyaa Gabrehiiwoot, duulichi akka milkaa’u hunduu gumaacha taasisuu akka qabu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannichaa Dooktar Amaanu’eel Haayiluu gama isaaniin, sadarkaa naannichaatti daa’imman miiliyoona 2’f talaallicha kennuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Milkaa’ina karoorichaaf biirichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu dubbachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Sadarkaa naannichaatti duulli talaallii kennamu har’arraa eegalee hanga Ebla 20, 2016’tti kan kennamu ta’uu eeranii, talaallichi daa’imman waggaa 10 gadiif akka kennamus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment