Naannoo Tigraayitti dhaabbileen Fayyaa tajaajila dhaabanii turan tajaajila laachuu eegalan – Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti dhaabbileen Fayyaa guutummaa fi walakeessan tajaajila dhaabanii turan tajaajila laachuu eegaluu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksiisan.
Dhaabbilee fayyaa kanneen gara hojiitti deebisuuf Ministeerri Fayyaa, Biiroon Fayyaa naannichaa fi dhaabbileen deeggartootaa mootummaa fi miti mootummaa deeggarsaa fi hordoffii walirraa hin cinnee taasiisaa jiraachuu Dooktar Liyaan Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen tajaajila laachuu akka eegalaniif dhiyeessin qorichaa fi meeshaalee yaala fayyaa raabsamuu himaniiru.
Deeggarsaa fi hordoffii hanga ammaatti taasiifameen dhaabbileen fayyaa tajaajiila laachuu eegalan 88 qaqqabuu ibsaniiru.
Hospitaaloota godinaalee naannichaa 5 keessatti argaman 40 keessaa 15 guutumaan guutuutti, 5 ammoo walakkeessaan tajaajila laachuu eegaluu Dooktar Liyaan himaniiru.
Buufataalee Fayyaa 224 keessaa 68 tajaajila laachuu jalqabuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment