Naannoo Tigraayin dabalatee iddoowwan deeggarsi namoomaa barbaachisutti hojiiwwan hojjetamaa jiran cimee itti fufeera-Ministeera Nageenyaa

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayiin dabalatee iddowwan deeggarsi namoomaa barbaachistutti hojiiwwan hojjetamaa jiran cimee itti fufuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.
Ministirri Minsteera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil, deeggarsa namoomaa fi deebisaanii ilaalchisee ibsa miidiyaaleef laataniiru.
Ministirittin naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuun wal qabsiisee lammiileen miiliyoonni 2.5 deeggarsi guyya guyyaa kan isaan barbaachisuu yoo ta’u, deeggarsicha qaqqabsiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen miti mootummaa deeggarsicharratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Hanga ammatti lammiileen miiliyoonni 1.6 ta’aniif deeggarsii miidhaanii kuntaalli kumni dhibba 3 fi kumni 3 qaqqabuu danda’eera jedhan.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment