Naannoo Tigraayiitti tola ooltoonni lammiilee rakkoof saaxilaman gargaaran eebbifaman

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti dargaggoonni tola ooltummaan kutaalee hawaasaa garaagaraa rakkoof saaxilaman gargaaran kumni 1 fi 100 eebbifamaniiru.

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay Ministeera Nageenyaa waliin ta’uun baatii tokkoof dargaggoota tola olaan leenjisaa ture har’a eebbisiiseera.

Dargaggoonni kunneen kutaa hawaasaa rakkoolee garaagaraaf saaxilaman deeggaruun aantummaa isaanii agarsiisuu akka qaban hojii raawwachiisaa olaanaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan dubbataniiru.

Dooktar Muluun,dargaggoonni kunneen rakkoo naannicha qunname keessaa ba’uuf tattaaffii taasiifamaa jiru deeggaruuf murteessuu isaanii maqaa bulchiinsa yeroo fi ummata naannichaan galaateeffataniiru.

Dargaggoonni kunneen baatiwwaan 10f iddoolee garaagaraatti bobba’uun tajaajila kan laatan ta’uu Dooktar Muluun beeksisaniiru.

Leenjitoonni kunneen siyaasa kamiiyyuurraa bilisa ta’uu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment