Naannoo Tigraayiitti lammiilee miiliyoona 1.7f deeggarsi namoomaa qaqqabe – Aadde Mufariyaat Kamiil

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayiitti lammiileen miiliyoonni 1.7f deeggarsa namoomaa akka argatan taasiifamuu Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsan.

Naannichatti lammiilee kuma dhibba 8 nyaata badhaadhaa isaan barbaachisa jedhan.

Jilli Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiilii fi Daayreektara olaanaa sagantaa nyaata addunyaa Deeviid Beesliiniin durfamu naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa mootummaan taasiisaa jiru daawwateera.

Qorannoo marsaa jalqaba taasiifameen naannichatti lammiileen miiliyoonni 2.5 deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu adda ba’eera jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil.

Lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaan keessaa namoonni miiliyoonni 1.7 deeggarsa argachuu ibsaniiru.

Lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 2.5 baatii lamaaf kan ga’u midhaan nyaataa kuusaa Maqaleetti argamutti kuufamuu eeraniiru.

Lammiilee nyaata badhaadhaa barbaadan kuma dhibba 8f bittaan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan dhiyeessiin deeggarsa namoomaa saffisaan akka qaqqabuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojiin hojjetamu cimee itti fufa jedhan aadde Mufariyaat.

Naannichaatti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 2.5 keessaa hanga ammaatti % 80 deeggarsa namoomaa argachuu himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment