Naannoo Tigraayiif Midhaan meetiriktoonii kuma 240 ergamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 7, 2014 (FBC)- Naannoo Tigraayiif hanga ammaatti midhaan nyaataa meetiriktoonii kumni dhibbi 2 fi kumni 40 oliifi Birrii biiliyoonni 2.9 ergamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.

Deeggarsi namoomaa lammiilee naannichaa rakkoo keessa jiraniif taasifamu cimee itti fufuu komishinichatti Daayrektarri Sabquunnamtii obbo Dabbabaa Zawdee Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ibsaniiru.

Baatii Adoolessaa bara 2013 irraa eegalee hanga ammaatti midhaan nyaataa meetiriktooniin kumni dhibbi 2 fi kumni 40 fi 240, meeshaalen nyaataan alaa meetiriktooniin kumni 52 fi 645 lammiilee rakkoo keessa jiraniif raabsamuu eeraniiru.

Dabalataanis boba’aa liitirri miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 49 fi 722, qorichi meetiriktooniin kumni dhibbi 2 fi kumni 58 akkasumas xaa’oon biyyee meetiriktooniin kumni 7 fi 257 gara naannichaatti ergamuu eeraniiru.

Hanga ammaatti konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an kumni 6 fi 631 naannicha galuu eeruun kanneen keessaa kumni 4 fi 599 deebi’uu warreen hafan osoo hin deebi’iin hafuu kaasaniiru.

Naannichatti yeroo ammaa dhaabbileen gargaarsaa 96 ta’an lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa raabsaa jiraachuu ibsaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment