Naannoo Tigraay magaalota garaagaraa keessatti mariin uummataa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 18, 2015(FBC)- Naannoo Tigraay magaalota garaagaraa keessatti mariin uummataa gaggeeffamaa jira.

Waltajjiiwwan kanneen irratti marii nageenyaa hordofee jijjiiramootafi hanqinaalee jiran irratti mariin taasifamuu ibsameera.

Waltajjiiwwan marii magaalota Aksumiifi Aduwaatti gaggeeffamaa jiruun naannichatti mootummaan federaalaa gara magaalotaa erga seeneen booda haala nageenyaa, dhiyeessii deeggarsa namoomaafi bu’uuraalee misoomaa deebisanii dhaabuurratti mari’atameera.

Waliigalteen nageenyaa magaalota haala duraaniitti deebisuufi misoomsuuf abdii kan uume ta’uufi cimee itti fufuu akka qabu hirmaattonni marichaa kaasaniiru.

Nageenyi filannoo uummataa ta’uu eeruun, nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hundi gaheesaa ba’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Afawarq Iyyaayyuufi Layikun Alamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment