Naannoo Tigraay iddoowwan tokko tokkotti hiriirri gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Naannoo Tigraay iddoowwan tokko tokkotti hiriirri gaggeeffame.
 
Shiree Indaasillaasee fi Waajiraat, naannolee muraasatti hiriirri gaaffilee bulchiinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaa fi carraa hojii uumuurratti xiyyeeffatan gaggeeffamaniiru.
 
Jiraattonni Shiree Indaasillaasee aanadhaan gurmaa’uu fi magaalaa aanaa ta’uu gaafataniiru.
 
Yaata’uutii bulchiinsi naannoo deebii quubsaa nuuf hin laannen komataniiru.
 
Mana barnootaa ijaaruuf Waajjirri Giiftii Duree dhagaa bu’uuraa kaa’ee, Birrii miiliyoona 20 Biiroo Maallaqaatif galii godhus amma ammaatti akka hin ijaarramin namoonni hiriira ba’an Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
 
Dargaggoonni gaaffii gaafatan gantummaan maqaan isaanii xureeffamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan mootummaan federaalaa gaaffii keenya nuuf yaa deebisiisun gaafataniiru.
 
Deebidhaaf Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Tigraayitti deddeebisnee bilbillus hin milkoofne.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment