Naannoo Tigiraayitti dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil addunyaa 75 ol hojjechaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) – Ministeerri Dhimmaa Alaa Naannoo Tigiraayitti dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil addunyaa 75 ol hojjechaa jiraachuu beeksise.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii haala waqtaawaa irratti ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin, haala waqtaawaa Tigiraay, waldhabdee daangaa Ityoo-Sudaan, dhimmoota siyaasaa fi dinaagdee biyyaaleessaa akkasumas hojiiwwan diippiloomaasii irratti ibsa laataniiru.
Kanaanis, naannoo Tigiraayyitti bakkeewwan deggarsa namooma barbaachisu naannichatti aanoota 36tti kan hundaa’e gama buufata rabsaa deeggarsaa 92n deeggarsi rabsamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama biraatiin Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin daawwanna Tuurkii fi Hinditti taasisaan haala milkii qabuun xumuramuu eeraniiru.
Akkasumas, obbo Dammaqaan gita isaanii Chaayinaa waliin marii’achuus ibsaniiru.
Gama diippiloomaasiin Gurraandhala 8-22tti Jiddaa fi Riyaadirraa lammiileen Ityoophiyaa 699 gara biyyaatti akka deebi’an tahu yaaddachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment