Naannoo Tigiraayitti bakkeewwan Raayyaa ittisaa Biyyaatiin to’atamanitti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jira- Waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Naannoo Tigiraayitti bakkeewwan Raayyaa ittisaa Biyyaatiin to’atamanitti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu Waajjirii Muummee Ministiraa beeksiseera.

Mootummaan federaalaa lammiilee naannoo Tigiraayitti argaman deeggarsa namoomaa barbaachisu qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jiru beeksiseera.

Mootummaan fuula durattis, dhaabbilee tola ooltota waliin qindaa’uun deeggarsa taasifamu cimsee akka itti fufu ibseera.

Naannichaatti keessumattu lammiilee buqqa’aniif deeggarsi barbaachisu ariitiin akka qaqqabu ministeerri nageenyaa dhaabbilee fedeeralaa biroo waliin waloon hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Kanaanis, nyaata, bishaan dhugaatii, qoricha fi wantoota barbaachisoo biroo mootummaan fedeeralaa bakkeewwaan raayyaa ittisa biyyaan to’atamanitti dhiyyeesuu eegaleera.

Mootummaan lammiilee baqatan deebisee dhaabuuf ejansiiwwan mootummoota gamtoomanii dabalatee dhaabbilee tola oltootaa idil addunyaa hunda waliin waloon hojjechuuf qophii ta’uu ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment