Naannoo Tigiraayi deebisanii ijaaruuf sochii taasifamaa jiru keessatti Paartileen siyaasaa fi Waldaaleen Siivikii gaheesaanii bahachuu akka qaban gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC) – Naannoo Tigiraayi deebisanii ijaaruuf sochii taasifamaa jiru keessatti Paartileen siyaasaa fi Waldaaleen Siivikii gaheesaanii bahachuu akka qaban gaafatame.
Naannoo Tigiraayi deebisanii ijaaruuf sochii taasifamaa jiru Paartileen siyaasaa fi Waldaaleen Siivikii gaheesaanii bahachuu akka qaban gaafatameera.
Dhaabbileen dhalattoota Tigiraayi dhimmoota haala yeroo Tigiraayi irratti hooggantoota paartiilee siyaasaafi Waldaalee Siivikii waliin mari’ataniiru.
Walitti qabaan Boordii Dhaabbilee Dhalattoota Tigiraayi obbo Yohaannis Gooyitoom akka himanitti, maricha taasisuun kan barbaachise haala yeroo naannicha keessa jiru ifaa fi hirmaachisa taasisuuf akka ta’e himaniiru
Marichaan jijjiirama dhufe ilaalchisee rakkoolee mudachuu danda’an akka hiikamuuf miseensa qaama ilaallatu fi hawaasicha waliin wal tumsuun rakkoolee kunneen akka hiikamuu fi furmaata ariifachiisaan akka argamuu taasisuuf akka ta’e dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment