Naannoo Tigiraayi adeemsa deebisanii ijaaruu keessatti tumsa lammiilee Ityoophiyaa hundaa gaafata- Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee

Finfinnee, Amajjii 30, 2013 (FBC) –Naannoo Tigiraayi adeemsa deebisanii ijaaruu keessatti tumsa lammiilee Ityoophiyaa hundaa gaafatu Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee himan.
Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee naannoo Tigiraay magaalaa Maqalee naannoowwan garagaraa daawwataniiru.
Preezdaanti Saahilawarqi abbootii amantaa fi jarsolii biyyaa Maqalee waliinis marii’ataniiru.
Marichaan naannoo Tigiraayitti rakkoon hojii dhabdummaa baayyachaa jiru akka furamuuf biiroowwan mootummaatti meeshaaleen hataman guutamee, hojiin akka eegalu gaaffiin dhiyaateera.
Preezdaanti Saahilawarqi naannoo Tigiraayi gara nageenya ishee duraatti deebisuuf mootummaan ciminaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Naannoo Tigiraayi adeemsa deebisanii ijaaruu keessatti tumsa lammiilee Ityoophiyaa hundaa gaafatus himaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment