Naannoo Somaaleetti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaa fi haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) –Naannoo Somaaleetti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaan darbee fi haala yeroorratti ummata waliin magaalaa Jigjigaatti mariin gaggeeffamaa jira.
Marii kanarratti Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Iyyoob Takkaanyi dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo biroo argamuu ibsameera.
Hawaasni Waltajjirratti hirmaatan misoomaan walqabatee gaaffilee garaagaraa dhiyeessaa kan jiran ta’uu ibsameera.
Hoggantoonni naannichaa fi Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa gaaffii ummataaf deebii ni laatuun eegama.
Kaayyoon waltajjii kanaa gaaffii ummataa dhaggeeffachuu fi dhimmoota ijoo murtoo Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa ummataaf iftoomina uumuu ta’uu EBCn gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment