Naannoo Somaaleetti haala nageenyaa daangaarraa cimsuuf dawwannaan dirree taasifame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti biyyoota ollaa wajjiin haala nageenyaa daangaarraa cimsuuf dawwannaan dirree taasifamuu ibsame.

Jilli hogganaan Biiroo Nageenyaa naannoo Somaalee obbo Muubaashir Duubadiin durfamu haala nageenya daangaarraa cimsuuf kan kaayyeffate daawwannaa dirree taasisuu ibsameera.

Naannichi yeroo ammaa haala nageenyaa amansiisaarratti kan argamu ta’uu obbo Muubaashir kaasaniiru.

Ergamtoonni garee shororkeessaa ABUT gama biyyoota ollaan gara naannichaa akka hin seenneef  Komishinii daangaa waloo fi hoggantoota olaanoo dame nageenyaa bulchiinsota Somaaliyaa garaagaraa, Soomaaliilaand, Jibuutii fi Keeniyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Nageenya naannoo daangaarraa eeguuf humni addaa naannichaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hawaasa waliin ta’uun hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment