Naannoo Somaaleetti daandiin cirrachaa Birrii miiliyoona 155 hojjetame tajaajilaaf banaa ta’e

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti Daandiin Cirrachaa Hartisheek – Harshiin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 55’n hojjetame eebbifamuun tajaajila eegaleera.
Jilli Preezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammaddiin durfamu durfamu daandicha eebbisiisuun hojii jalqabsiiseera.
Daandiin Cirraachaa Hartisheek- Harshiin Godinaalee Naannichaa sadii kan wal qunnamsiisu yoo ta’u kiiloomeetira 50 dheerata jedhame.
Preezdaantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafee Muhammad Sirna eebbirratti haasawa taasiisaniin, Mootummaan Naannichaa sababa jijjirrama qilleensaan hongee muudate dandamachuun cinaatti gaaffiiwwan hawaasaa deebisuuf bu’uura misoomaa adda addaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojjetamuun daandii kanaas rakkoolee sababa dhabiinsa daandiitiin haadholii yeroo da’umsaa gahaa ture kan furu ta’uu himuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment