Naannoo Somaalee aanaa Shinleetti dhaabbanni Birrii miiliyoona 200n kan ijaarame eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)-Naannoo Somaalee aanaa Shinleetti dhaabbanni Birrii miiliyoona 200n kan ijaarame eebbifameera.
Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Diyaaspooraa fi Invastimantii Naannoo Somaalee obbo Abdisalaam Yusuuf, abbaa qabeenyaa Somaalee Hajii Iilmii Geesoodii Godina Siitii magaalaa Shinleetti dhaabbata Birrii miiliyoona 200n ijaaran eebbifamuu himaniiru.
Dhaabbanni kun meshaalee akka firaashii, ujummoo bishaanii fi kanneen biro akka oomishu ibsameera.
abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa Hajii Iilmii Geesoodii dhaabbatichi dargaggoota naannichaa hedduuf carraa hojii ni uuma jedhaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment