Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti shakkamtoonni 137 to’atamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa beeksiise.
Labsii yeroo ariifachiisaa hordofee sakattoo tasaa taasiifameen shakkamtoonni kunneen to’atamuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Sidaamaa obbo Alamaayyohu Xiimootiiwoos ibsaniiru.
Shakkamtoonni kunneen meeshaalee waraanaa nama dhuunfaaf hin eeyyamamne waliin to’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu eeraniiru.
Birihaanuu Bagaashawutu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.