Naannoo Sidaamaatti Sagantaan tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa eegale

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014(FBC)- Naannoo Sidaamaatti Sagantaan tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa bara 2014 guyyaa har’aa  eegaleera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoon saganticha magaalaa Alattaa Wandootti eegalchiisaniiru.

Sagantachirratti Pirezidaantii naannichaa Obbo Dassittaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa, jaarsoliin biyyaa fi dargaggoonni hirmaachuu eerameera.

Naannichatti tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa bara kanaarratti dargaggoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 56 ni hirmaatu jedhameera.

Obbo Dassittaan sagantaa tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa eegalchiisuun cinaatti hojiilee bu’uuraalee misooma magaalichaa daawwachiisuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment