Naannoo Sidaamaatti sagantaan beeksisa duula misoomaa “Leemaat Tiruufaat” gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015(FBC)- Naannoo Sidaamaa aanaa Bashaadiinootti sagantaan beeksisa duula misoomaa “Leemaat Tiruufaat” gaggeeffameera.

Saganticharratti pireezidaantii naammichaa obbo Dassitaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannichaa argamaniiru.

Aannichatti hojiileen misooma beelladaafi qurxummii, Avookaadoo, qanniisaa, bunaafi kanneen biroo daawwatamaniiru.

Badhaadhina maatii hunda galeessa mirkaneessuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu obbo Dassitaan ibsuu ragaan Waajjira Pirezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hojiilee eegalaman itti fufsiisuun galmoota “Leemaat Tiruufaat” milkeessuuf hundi deeggarsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment