Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti qaxarrii fi guddinni sadarkaa seeraan alaa hojjettoota mootummaa 81 haqamuu Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa naannichaa ibseera.
Komishinichi qabeenya mootummaa fi uummataa seeraan ala qisaasa’uuf ture Birrii miiliyoona 7.8 hambisuu beeksiiseera.
Komishinichi gaaffii ariifachiisaa malaammaltummaa ittisuuf dhiyaataan 56 keessaa 54 simachuun deebii itti laachuu Komishinarri Komishinii Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa naannichaa obbo Sixootaaw Wancaanoon ibsaniiru.
Qaxarriin seeraa alaa hojjettoota mootummaa 81 fi guddinni sadarkaan seeraan alaa hojjettoota mootummaa 12 haqamuu ibsaniiru.
Hojjettoota iddoo lamaa mindaa nyaachaa turanii fi hojjettoota seeraan alaa biroo kanneen seeraan gaafachuuf sanadni gurmaa’uun qaama dhimmi ilaallatuuf dabarfamuu himaniiru.
Waldaalee Sobaan gurmaa’aniif kaffaltiin raawwatamuuf ture Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 3 fi kuma 67 baraaruun danda’amuu obbo Sixootaan eeraniiru.
Dhaabbilee garaagaraa keessatti maallaqni waliindhahame Birrii miiliyoonni 5.4 Oodiitiin argamuu Komishinarichi ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.