Naannoo Sidaamaatti Piroojektii Bishaan Dhugaatii lammiilee kuma 84 fayyadamoo taasiisu ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Naannoo Sidaamaa magaalaa Dhaayeetti Piroojektiin Bishaan Dhugaatii qulqulluu lammiilee kuma 84 fayyadamoo taasiisu ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Dassitaa Leeddamoo fi Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Asfaaw Diingaamoon dhagaa bu’uuraa kana kaa’uu ibsameera.

Piroojektichi Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 76 fi kuma dhibba 4 oliin kan ijaarramu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naanichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment