Naannoo Sidaamaatti kenni tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa eegalame

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti kenni tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa waqtii gannaa har’a ifatti eegalame.
Sagantich har’a mata duree ‘tola ooltummaa dargaggootaan Ityoophiyaa yaa uwwifnu’ jedhuun eegalameera.
Sagantichi bakka Preezdaantiin Naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leddamoo, itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa obbo Abrahaama Maarshaaloo, kaantibaa magaalaa Hawaasaa gargaaraa Proofeesaraa Tsaggayee Tuukkeen fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamanitti eegalamuu ibsameera.
Bara kana akka naannoo Sidaamaatti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Daasitaa Leeddamoon himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment