Naannoo Sidaamaatti dhaabbilee daldalaa seeraan ala gadii dabalan kuma 1 olirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti dhaabbilee daldalaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun seeraan ala daballii gatii taasiisan kuma 1 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa fi Misooma Gabaa naannichaa beeksiseera.
Koreen tasgabbii gabaa hundaa’uun dhaabbilee daldalaa kuma 5 olirratti sakattoo fi hordoffii gaggeessuu Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa naannichaa obbo Waxxee Tosheen ibsaniiru.
Hordoffii taasiifamaa tureen dhaabbilee daldalaa kuma 1 fi 194 seeraan ala daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatamuu eeraniiru.
Dhaabbileen daldalaa 209 kan saamsaman yoo ta’uu, eeyyamni 29 haqamuun dhimmi isaanii seeraan ilaallamaa jiraachuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment