Naannoon Sidaamaa Naannoo Oromiyaaf deeggarsa Birrii Miiliiyoona 20 taasise

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Sidaamaa Godinaalee Naannoo Ormiyaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Maallaqaa birrii Miiliiyoona 20 taasisuu  ibsame.

Preezdaantin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo jila isaanii waliin ta’uun waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qaaman argamuun bakka Obbo Shimallis Abdiisaa, hooggansa olaanoo fi Abbootin Gadaa argamanitti lammiilee naannoo Oromiyaatti sababa hanqina roobatiin hoongen miidhamaniif deeggarsicha laataniiru.

Deeggarsa maallaqaan alattis nyaata loonii konkolaataa 20 taasisaniiru.

Obbo Dastaa Ledaamoo hasaa taasisaniin”Naannoon Sidaamaa fi naannoo Oromiyaa yeroo kamuu gargara baahuu akka dandeenye ibsuun yeroo biyyattiin waraana keessa jirtutti rakkoon uumamaa mudachaa jiru kan deeggarsa hunda keenyaa ilaallatu waan ta’eef wal bira dhaabbachuun wal deeggaruu qabna jechuun kan ibsan.

Ummamni Oromoo Uummata yoo bishaan gaafatan aannan namaaf kennuudha jechuun kan dubbatan Obbo Dastaan yeroo rakkoon akkanaa mudatu waloodhan deeggaruun murtessaa ta’uu ibsaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa deeggarsa mootummaa naannoo Sidamatiin taasifamee galateeffachuun Naannoon Sidaamaa fi Oromiyaa olummaa olitti Obbolummaa ummattootaatin kan walitti hidhamaniidha jedhan.

Kanaanis bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii fi kanneen birootin hariiroo guddaa  qabuu jedhaniiru.

Naannoon Sidaamaa keessatti haalli duraan ture jijjiiramuun bulchiinsa gaarii irraa kan maddu ta’u ibsuun waliin taanaan rakkoon hin hiikkanne hin jiru.

Rakkoo amma mudachaa jiru furuuf naannicha keessatti hojjatamaa jira jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment