Naannoo Saariisitti balaa tiraafikaa qaqqabeen tajaajilli baabura salphaa Finfinnee yeroof adda cite

Finfinnee, Eebila 25, 2012 (FBC) – Naannoo Saariisitti balaa tiraafikaa qaqqabeen tajaajilli baabura salphaa Finfinnee yeroof adda cite.

Bu’uura misooma sarara baaburarratti balaa tiraafikaa qaqqabeen tajaajilli baabura salphaa yeroof adda cituun himame.

Itti anaan hojiraawwachiisaa olaanaa tajaajila baabura salphaa Finfinnee damee geejjibaa obbo Heenook Boggaala, balichi guyyaa har’aa qaqqabu himaniiru.

Balichi kan qaqqabee naannoo Saaris maqaa addaan Reeys Injiinariing jedhamee waamamutti.

Konkolaataan fe’umsaa koonteeynarii fe’ee ture sarara hadiida baaburratti miidhaa qaqqabsiseera.

Sabaaba kanaan Saariis Abboo gara Istaadiyamii Istaadiyaamii irraa gara Saariis Abbootti deeddiibi baaburri taasisu yeroof adda cituu ibsameera.

Yeroo ammas rakkicha furuufi sararicha tajaajilaaf banaa taasisuuf tattaffii taasisama jiraachuus dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment