Naannoo Oromiyaatti Zoonii Diinagdee ammaayyaa ijaaruuf karoora qophaa’eerratti mari’atame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Zoonii Diinagdee ammayyaa ijaaruuf karoora qophaa’eerratti mariin gaggeeffameera.

Magaalaan ammaayyaa kun ‘Zoonii diinagdee addaa Gadaa’ jedhamuun moggaafameera.

Proojekticha dhugoomsuuf qorannoo dhiyaaterratti mariin gaggeeffameera.

Kaayyoon proojektichaa magaalaa hunda galeessa ijaaruufi jedhame.

Yaanni proojektichaa kaabinee naannichaaf dhiyaachuun irratti mari’tamee ture.

Karoora fi qorannoo proojekticharratti qooda fudhattoonni mari’ataniiru.

Zooniin diingadee addaa Gadaa fedhii misoomaa hunda kan of keessatti hammatee fi magaalaa ammayyaa kan uumuu ta’uu ibsameera.

Proojektichi naannoo mana jireenyaa, iddoolee bashannanaa, zoonii indaastirii, loojastiksii, buufata gogaa, kuusaawwanii fi tajaajilawwaan garaagaraa kan of keessatti hammate adeemsa waggaa 40 keessatti raawwatama jedhame.

Naannichi proojektoota badhaadhina sadarkaa maatii mirkaneessaan hedduu gara hojiitti galchaa jiraachuu paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa ibseera.

Proojektichi lafa heektaara kuma 23 fi 556 irra kan qubatu yoo ta’uu, lammiilee hedduuf carraa hojii dhaabbii fi yeroo ni uuma jedhameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment