Naannoo Oromiyaatti weerara vaayrasii koroonaa saffisaan dabalaa jiru ittisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti weerara vaayrasii koroonaa saffisaan dabalaa jiru ittisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu itti aantuun Preezdaantii naannichaa aadde Caaltuu Saaniin dubbatan.
 
Weerarri vaayrasichaa torbee lamaan darbanii as saffisaan dabalaa jiraachuu isaa ibsameera.
 
Naannoo Oromiyaatti guyyoota darban keessa lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii ariitiin dabalaa dhufuu himameera.
 
Itti aantuun Preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaaniin, lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii ariitiin dabalaa dhufuu isaa naannicha yaaddoo keessa galcheera jedhan.
 
Keessattuu ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee rakkoon tasgabbii naannichaatti muul’ate saffisaan dabaluu weerara vaayrasichaaf gummaacha olaanaa taasiseera jedhan.
 
Aadde Caaltuun,weerara vaayrasichaarraa of eeggachuurratti dagannaa guddaan muul’ateera jedhan.
 
Yeroo ammaa naannichaatti weerara vaayrasichaa ittisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Sababa weerara vaayrasichaan dhiibbaa diinagdeerra ga’u hir’isuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Sababa weerarichaan dameen qonnaa akka hin miidhamne hojiin qonnaan bultoota eeguu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Vaayrasicha ittisuun cinaatti oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
 
Naannichaatti lafti qonnaa kamiiyyuun lafa akka hin baneee fi daldala alaa guddisuufis hojjetamaa jira jedhan.
 
Akkasumas hojiin tajaajila lammummaa akka babal’atuu fi qaamooleen hojii kanarratti hirmaatan hojiilee biiliyoonatti tilmaamaman raawwachuu himaniiru.
 
Dargaggoonni nageenya ofii, ollaa fi biyya eeguuf dirqama kan qaban ta’uu kaasaniiru.
 
Aadde Caaltuun,dabalataan dargaggoonni nageenya biyyaa eeguu, hojii qonnaa gargaaruu fi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjechuu akka qaban waamichaa dhiyeessaniiru.
 
Zuufan Kaasaahuuntu gabaase
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment