Naannoo Oromiyaatti vaayrasii koroonaa ittisuun barnoota itti fufsiisuuf dareewwan dabalataa 32,108 ijaarrame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti vaayrasii koroonaa ittisuun barnoota itti fufsiisuuf dareewwan dabalataa 32,108 ijaarramuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoon ibsa laataniin akka beeksisanitti, naannichatti dareewwan dabalataa kuma 30 ijaaruuf karoorfamee, 32,108 ijaarramuu ifoomsaniiru.

Dabalataan ijaarsi bishaanii fi manneen fincaaniis hojjetamuu beeksisaniiru.

Kitaabota addaddaa miiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamuudhan, kitaabonni miiliyoonni 1.2 walitti qabamuu ibsaniiru.

Hojiilee hojjetaman keessatti hawaasni hirmaachaa turuu fi jiraachuu eeraniiru.

Barnoota bara 2013 itti fufsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Tolaa Bariisoon ibsaniiru.

Galmeen barattootaa adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, torbeewwan lamaan itti aananittis galmichi kan itti fufu ta’uu ibsan.

Koolleejjota barsiisotaa naannicha keessa jiran 13 irraa barattoota waggaa 3ffaa 25,300f tuutooriyaaliin goolabaa laatamuun hojiitti akka galan ni mindeeffamu jedhan.

Bara kanattis barattoota miiliyoona 11.2 galmeessuun barsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Magaalaa Shaashamanneetti mana barnootaa yeroo darbe rakkoo nageenyaa tureen miidhame; Luusiif deeggarsi Birrii kuma 100 fi galteewwan barnootaa laatamuu ibsan Dooktar Tolaan.

Deeggarsicha kan laate biirichaa fi Waldaa Manneen Barnootaa Dhuunfaati.

Sirnicharratti kan argaman hoggantichi manni barnootichaa barattoota 4200 olii fi hojjettoota 315 kan qabu yoo ta’u, haala duraatti akka deebi’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Guyyaa har’aas Birrii kuma 100 dabalatee, kitaabonni gosa addaddaa 69 lakkoofsan kuma 5 ta’an, koompiitaroonni 20, boordii magariisaa 20, teessoowwan baaqqee 100 fi teessoowwan minjaalotaan walitti hidhaman 100 gumaachamaniiru.

Hoji gaggeessaan mana barnootichaa obbo Yohaannis Waldeen deeggarsichaaf galateeffatanii, bara kana hojii frooyya’aa kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Hojjettoonni Biiroo Barnootaa Oromiyaa sagantaa irbaataa biyyaatif Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 49 arjoomaniiru; kunis mindaa hojjettootaa baatii tokkooti.

Hojjettoonni biirichaa deeggarsicha kan itti fufan ta’uus ibsaniiru.

Laykuun Alamtu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment