Naannoo Oromiyaatti uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu % 94 irraan ga’uuf hojjetamaa jira – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Amajjii 30, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti waggoottan 10n dhufanitti uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu % 94 irraan ga’uuf hojjetamaa jiraachuu sadarkaa Itti aanaa preezdaantiitti hogganaan Kilaastera misoomaa baaddiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa godina shawaa Lixaa aanaa Coobbii magaalaa Coobbiitti proojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu birrii miiliyoona 21 hojjetame eebbifameera.

Sirna eebbichaarratti Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, sadarkaa Itti aanaa preezdaantiitti hogganaan Kilaastera misoomaa baaddiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hoggantoonni olaanool federaala fi naannoo argamaniiru.

Proojektiin bishaan dhugaatii eebbifame kun lammiilee kuma 21 ol fayydamoo kan taasiisu ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Yeroo itti aanu proojektoota hafan hojiitti galchuun lammiilee kuma 50 fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Hawaasni naannichaa proojektichaaf birrii miiliyoona 2 ol gumaacha taasiisuu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti waggoottan 10n dhufanitti uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu % 94 irraan ga’uuf hojjetamaa jiraachuu sadarkaa Itti aanaa preezdaantiitti hogganaan Kilaastera misoomaa baaddiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment