Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti taarifa geejjibaarratti sirreeffamni gatii taasiifamuu Ejansiin Geejjibaa Oromiyaa beeksiseera.
Hogganaan ejansiichaa obbo Jamaal Kadiir, naannichaatti sirreeffamni taasifame, daballii gatii bobba’aa bu’uura kan godhate miti jedhaniiru.
Daballi gatii taarifa geejjibaarratti taasifame daandii konkolaattoonni irra deemaanii fi sadarkaa konkolaataarratti kan hunda’uudha jedhu obbo Jamaal.
Daballiin gatii taasifames guyyaa kaleessaarraa eegalee hojiirra ooleera jedhaniiru.
Sirreeffamichi qorannoo taarifa naannichaa waggoottan 11 oliif taasifame bu’uura kan taasiseedha jedhan obbo Jamaar turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin.
Sirreeffamni gatii taarifa geejjibaarratti taasifamees marii waldaa konkolaachistootaa, Abbootii qabeenyaa fi qaamolee qooda fudhattoota waliin taasifameen hojiirra akka oole himaniiru.
Rakkoo kenniinsa tajaajila seektara geejjibaarratti muudata jiru ittisuuf namoota alseerummaa hojjetaa turan poolisii tiraafikaa dabalatee to’attoonni geejjibaa 135 hojii idilee isaanii irraa akka kaafaman taasifameera jedhan.
Hojjetoota biirichaa 55 irrattis tarkaanfiin bulchiinsaa fi kanneen biroo akka fudhatame hoggantichi himaniiru.
Konkolaachistoota gatii kaa’ame darbuun hawaasa kaffalchiisan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu obbo Jamaal himaniiru.
Hawaasni qaamolee gatii hin mallee kaffalchisan qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu kennu akka qaban biirichi gaafateera.
Gammachuu Beekumaatu gaabase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.