Naannoo Oromiyaatti qonna Arfaasaa fi Gannaan oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumama Oromiyaa Qonna Arfaasaa fi Gannaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu beeksiise.
Biirichi leenjii leenjistootaa ogeeyyii misooma qonnaaf qophii qonna Arfaasaa fi Gannaarratti magaalaa Baatuutti laataa.
Leenjii kanarratti ogeeyyiin qonnaa sadarkaa godinaa fi Aanaa hirmaataniiru jedhame.
Itti aanaa hoggannaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu
hojjattoonni misoomaa hubannoo wal fakkaatuun qonnaan bultoota deeggaruun oomishaa fi oomishtummaan qonnaan bulaa dabaluuf leenii kaayyeeffame ta’uu ibsaniiru.
Oomisha qamadii jalisiin bara kana hojatameen bu’aa gaariin argamuu himaniiru.
Oomisha biyya keessatti oomishaman gara alaatti erguun sharafa Alaa argamsiisuu fi damichaan carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Leenjiin leenjistootaa hojjattoota misoomaa kun guyyoota 4f kennama jedhameera.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment