Naannoo Oromiyaatti proojektoonni fayyaa 237 xumuramuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti proojektoonni fayyaa 237 ijaarsarra turan xumuramuun eebbaaf qophii ta’uu Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan himaniiru.

Obbo Addisuun fuula Feesbuukii isaaniitiin akka ibsanitti, Proojektoonni fayyaa yeroo dheeraadhaaf ijaarsi isaanii harkifachuu irraa kan ka’e  madda komii ummata ta’aa turuun isaanii ni yaadatama jedhan.

Hospitaalli hedduun ijaarsa irra turan yeroo qabameef keessatti xuramuu dadhabuu isaaniitiin maqaan “Obsii taa’i” jedhu ummataan itti moggaafamee ture jedhaniiru.

Proojektoota kana keessaa 59 sadarakaa naannootti hordofomaa kan turan yammuu ta’u, proojektoonni 178 sadarkaa godinaaleetti hordofamaa kan turanidha jedhan.

Proojektoonni xumuramanii eebbaaf qophaa’aan kan armaan gadiiti:-

  1. Hospitaala Ganjii
  2. Hospitaala Cawwaqaa
  3. Hospitaala Xiroo Afataa
  4. Hospitaala Walisoo
  5. Hospitaala Hoolotaa
  6. Hospitaala Dandii/Gincii
  7. Hospitaala Gursum
  8. Hospitaala Daaroo labuu
  9. Hospitaala Burqaa Diimtuu
  10. Hospitaala Arsii Caancoo
  11. Hospitaala Meeggaa
  12. Hospitaala Baddeessaa
  13. Hospitaala Dugdaa
  14. Hospitaala Areeroo
  15. Hospitaala Gooroo
  16. Hospitaala Tooree
  17. Hospitaala Taltallee
  18. Hospitaala Diimaa Magaala Sabataa
  19. Hospitaala Gololchaa
  20. G/G Tajaajila fayyaa Haadholii Hospitaala Naqamtee
  21. Wiirtuu Tajaajila qinda’aa Miidhaa Koorniyaa Hospitaala Naqamtee
  22. G/G Tajaajila fayyaaa Haadholii Hospitaala Adaama
  23. Doormii Baratootaa Hospitaala Adaamaa
  24. Omisha Oksijinii Hospitaala Najjoo
  25. Babadhisuu Hospitaala Yaaballoo
  26. Mana Qorichaa Hawaasaa Yunivarsiitii Bulee Horaa
  27. Mana Qorichaa Hawaasaa Hospitaala Yaaballoo
  28. Wiirtuu Tajaajila Yaala Iddoo Tokkoo Miidhaa koorniyaa Hospitaala Yaaballoo
  29. Wiirtuu Tajaajila Yaala Iddoo Tokkoo Miidhaa koorniyaa Hospitaala Ciroo
  30. Hospitaala Miidhaga Tolaa
  31. Waajira Eegumsa fayyaa Jimmaa
  32. BF Ol-guddisuu Galiilaa
  33. BF Ol-guddisuu Gelloo
  34. BF Ol-guddisuu Kiiramuu
  35. BF Ol-guddisuu Guttiin
  36. BF Ol-guddisuu Nuunnuu
  37. BF Ol-guddisuu Leeqaa Dullachaa
  38. BF Ol-guddisuu Laaloo Asabbii
  39. BF Ol-guddisuu Baboo
  40. BF Ol-guddisuu Haruu
  41. Mana Qoricha Hawaasaa Magaalaa Fichee
  42. Laabooratoorii Naannoo Naqamtee
  43. BF Ol-guddisuu Mugii
  44. BF Ol-guddisuu Jimmaa Horroo
  45. Babadhisuu hospitaala Haramayaa
  46. Babadhisuu Hospitaala Dalloo Mannaa
  47. Babadhisuu Hospitaala Baalee Roobee
  48. Babadhisuu Hospitaala Dodolaa
  49. Mana Qorichaa Hawaasaa Hospitaala Malkaa Odaa
  50. Mana Qoricha Hawaasaa Hospitaala CS Shaashamannee
  51. Mana Qoricha Hawaasaa Yunivarsiitii Wallaggaa
  52. Mana Qorichaa Hawaasaa Hospitaala Limmuu Gannat
  53. Mana Qoricha Hawaasaa Hospitaala Aggaaroo
  54. Mana Qorichaa Hawaasaa Hospitaala Gimbii
  55. Mana Qoricha Hawaasaa Hospitaala Haramayaa
  56. Mana Qoricha Hawaasaa Magaalaa Sabbataa
  57. Wiirtuu Tajaajila Yaala Iddoo Tokkoo Hospitaala Fichee
  58. Wiirtuu Tajaajila Yaala Iddoo Tokkoo Hospitaala Tullu Boolloo
  59. Mana qorichaa Hawaasaa Hospitaalaa Dadar

Pirojektootni 178 sadarkaa godinaaleetti hordofamaa turanidha. Isaanis,

  1. Ijaarsa G/gala baqaqsanii yaaluu sadarkaa Buufataalee fayyaa 26
  2. Keellaa fayyaa dhalooota 2ffaa 8
  3. Mana Jireenya Hojjetootaa fayyaa Buufata fayyaa 30
  4. G/G Cibsanii Yaaluu 62
  5. Buufata fayya Ol-guddisuu/ Buufata Fayyaa 9
  6. Bishaan Diriirsuuu 41
  7. Waajjira Eegumsa fayyaa 2

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment