Naannoo Oromiyaatti Proojaktoonni misoomaa garaagaraa eebbifaman

Finfinnee,Waxabajjii 13,2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa godinaalee garaagaraatti Proojaktoonni misoomaa hojjetamaa turan eebbifaman.
 
Godina Booraanaa aanaa Dirree magaalaa Meeggaatti riqicha baasii birrii Miiliyoona 15 hojjetamee fi Hospitaalli baajata mootummaa naannoo Oromiyaa Birrii miiliyoona 35’n ijaarrame guyyaa har’aa eebafamaniiru.
 
Akka waajjirri Koomiiniikeeshinii godinichaa beeksiseetti,
magaalaa Yaaballoottis hojiileen misooma baajata birri miiliyoona 80 oliin hojjetaman eebbifamaniiru.
 
Proojaktiin Mana Murtii Olaanaa godina Booranaa Birrii miiliyoona 26.6 ijaarrames eebbifameera.
 
Oduma walfakkaatuungodina godina Buunnoo Beddellee aanaa Cooraattis Proojaktoonni misoomaa Birrii miliyoona 79 oliin ijaarraman eebbifamaniiru.
 
Akka Waajjirri Koomiiniikeeshiinii aanichaa beeksiseetti, Hospitaalli Birrii miiliyoona 39 oliin ijaarramee fi Buufanni konkolaataa birrii miiliyoona 4 ijaarrame bakka itti aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun Kilaastara magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii argamaniitti eebbifamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment