Naannoo Oromiyaatti nyaanni beelladaa lafa hektaara miiliyoona6.4 irratti misoomaa jira – BQO

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti nyaanni beelladaa lafa hektaara miiliyoona6.4 irratti misoomaa jiraachuu Biiroona Qonnaan naannichaa beeksise.

Naannichatti oomisha fi oomishtummaa qabeenya Beelladaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu biirichatti Daayrektarri misooma Nyaata beelladaa Obbo Ashabbir Hordofaan himaniiru.

Nyaata beelladaa Toonii miiliyoona 40.8 oomishuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara darbe Tooniin miiliyoonni 38 argamuu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment