Naannoo Oromiyaatti namni kamuu waraaqaa eenyummaa malee bakka bakkaattis socho’uun dhorkaadha jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti namni kamuu waraaqaa eenyummaa malee bakka bakkaattis socho’uun dhorkaa ta’uu Haati Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa Aadde Addunyaa Ahimad ibsaniiru.

Namni kamiyyuu waraqaa eenyummaa malee bakkaa bakkatti socho’uun dhorkaa waan ta’eef Waajjira gandaa ykn waajjira nageenyaa naannoo isaa jiru deemuun waraqaa eenyummaa yeroo baafachuu akka qabu ibsameera.

Bu’uura Labsii 1264/2014 ‘n Labsiin Yeroo ariifachiisaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan ragga’e Naannoolee hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’a.

Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaa keessattis guyyaa labsichi bahee kaasee hojiitti kan hiikame ta’uu Haati Alangaa Walii galaa Oromiyaa Aadde Addunyaa Ahimad ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Labsiin kun kutaa 4 kan qabu yoo tahu

Labsichi Muummee Ministeeraatiin kan hoogganamu tahee Keeyyattoota 11 kan qabuudha.

Labsichi guutuu biyyattii irratti kan raawwatamu ta’uusaa lafa kahameera.Labsichis ji’oota 6’f kan turu taha.

Barbaachisummaan labsichaas nageenya biyyattii fi birmadumaa biyyaa eegsisuudha.

Sosochii garee Shororkeessaa ABUT fi fakkaattonni isaa raawwachaa jiran dhaabsisuuf kan gargaaru taha.

Cabiinsi mirga namoomaa hamaan raawwatameera heerri biyyattiis xuqameera kanaaf Labsichi akka hojiirra ooluuf kan labsame.

Bu’uurri labsicha kan bu’uura heera mootummaa keewwata 93 muraa 1 A jalatti tumameen hojiirra oola.

Labsichi Etamaajor Shuumii Raayyaa ittisa biyyaatiin hojiitti hiikama.

Etamaajoor Shuumichi Kutaa biyyattii maratti humna waraanaa bobbaasuuf aangoo qaba,miseensota Humna waraanaa kanneen umriin isaanii 18 ol tahe filachuun leenjisuu danda’a.

Gosa geejjibaa kamiinuu yeroof dhaabsisuu danda’a.

Labsii kana keessatti qaamni nageenyaa nama kamiinuu eenyummaa isaa gaafachuu danda’a, eeyyama mana murtiin ala mana nama dhuunfaa sakatta’uu danda’a.

Sochii lammiileen bakkaa bakkatti socho’an dhaabsisuu danda’a.

Iddoo rakkoon nageenyaa hamaan jirutti ammoo sadarkaa caasaa hooggansaa diiguu fi jijjiiruu ykn humna waraanaan akka hoogganamu taasisuu danda’a akkataa labsii 8/4’n.

Kanaaf uummanni akkaataa daangaa isaaf ka’ame eeguun socho’uu akka qabu Aadde Addunyaan hubachiisaniiru.

Uummanni yaaddoo tokko malee hojii idilee isaa hojjechaa akkaataa daangaa isaaf ka’ameen socho’uu akka qabu ibsaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment