Naannoo Oromiyaatti misooma jallisiin lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 89 misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti misooma jallisiin lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 89 misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame.

Naannichatti misooma jallisiin lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 89 misoomsuun callaa kuntaala Miiliyoona 200 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya uummamaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uummamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen akka Faanaa Biroodkaastiing koorporeetitti  himaniin oomisha jallisii bara kanaan qamadii bal’inaan oomishuuf godinaaleen 4 adda bahaniiru jedhan.

Godinalee 18 keessaattis qamadii bal’inaan oomishuun wabii nyaataa fi meeshaalee bu’uraa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Baasii guddaan qamadii biyya alaa irraa galu hambisuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan obbo Dhaabaan.

Dabalataan naannichatti proojaktii jallisii ijaaruuf Birriin Biiliyoonni 8 ol mootummaa naannichaa fi Federaalaan ramadameera jedhan.

Comments (0)
Add Comment