Naannoo Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 3.5 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jira – BGO

Finfinnee, Amajjii 18, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti lammiilee sababa hongeen rakkoof saaxilaman miiliyoona 3.5 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu Buusaa Gonofaan Oromiyaa beeksise.

Godinaalee Horsiisee Bultoota Oromiyaa 10 keessatti aanaaleen 79 Hongeef saaxilamuu Daayrektarri deebisanii dhaabuu fi Loojistiksii Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Dabalaa Ittanaa Faanaa Biroodkaasting Koroporeetiif himaniiru.

Sababa kanaan lammiileen miiliyoonni 3.5 rakkoof saaxilamuu kaasaniiru.

Lammiilee kanneeniif Mootummaan naannoo Oromiyaa, Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Dhaabbileen deeggartootaa qindoominaan deeggarsa namoomaa dhiyeessaa jiraachuu Obbo Dabalaan himaniiru.

Bara kana hanga ammaatti Beelladoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 84, bara darbe ammoo beelladoonni miiliyoonni 1.5 ol sababa hongee muudateen du’uu isaanii kaasaniiru.

Rakkoo kana dandamachuuf Bishaan Bootteewwan kumni dhibbi 1 fi kumni 26 kan barbaachisu ta’us, Yeroo ammaa Bootteewwan 70 qofti godinaalee kanneeniif dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinni Baalee Bahaa, Booraanaa, Harargeen Bahaa fi Gujiin Lixaa Godinaaleen hongee kanaaf daraan saaxilaman ta’uu dubbataniiru.

Godina Arsii fi Arsii Lixaatti illee hongeen kun jiraachuu himaniiru.

Godina Baalee Bahaatti qofa lammiilee kuma dhibba 4 fi kuma 6 ol rakkoof saaxilamaniif gama Dhaabbata World Vision Baatii Muddee eegalee deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu Obbo Dabalaan ibsaniiru.

Godinaalee kanneenitti waliigala jiraattoota miiliyiina 3.5 ol ta’aniif deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.

Yohaannis Darribowutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment