Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 148 ga’e

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 7 irratti vaayrasiin koroonaa kan argame yoo ta’u, lubbuun nama 1 darbeera.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 363 gaggeeffamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera..
 
Namoota kanneen keessaa 4 dhiirota, 3 ammoo dubartoota.
 
Umriin isaanii waggaa 25 hanga waggaa 50 keessatti argama.
 
Hundinuu seenaa imala alaa hin qaban.
 
Namni tokko tuttuqaa qaba.
 
Namoonni 6 ammoo tuttuqaa hin qaban.
 
Namni 1 lubbuun darbeera.
 
Samuudaa reeffarraa fudhatameen mirkanaa’e.
 
Namoonni 2 Burraayyuu, 2 Sabbataa, 2 Sulultaa, 1 Duukam ta’uu biirich beeksiseera.
 
Waliigalaan hanga ammaatti namoonni 23 dandamataniiru.
 
Namoonni vaayrasichaan qabaman 148 qaqqabera.
Yaalarratti kan argaman 120 yoo ta’an, waliigalaan lubbuun namoota 5 darbeera.
 
Hanga ammaatti waliigalaan qorannaan samuudaa namoota 11,520 hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment