Naannoo Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 4.5 ol kilaastaraan misoomsuuf hojjetamaa jira- BQO

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 4 fi kuma dhibba5 ol kilaastaraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Sadarkaa naannootti tajaajilli qonna makaanaayizeeshinii godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaatti ifatti jalqabeera.

Nannichatti bara oomishaa 2014/15 lafa heektaara miiliyoona 6 fi kuma dhibba 3 midhaan garaagaraan misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 205 ol argachuuf karoorfamuu Ittaanaan hoogganaa biirichaa obbo Geetuu Gammachuun ibsaniiru.

Milkaa’ina karoorichaaf  dhiyeessiin callaa guddistuu fi qophiin ooyiruu taasifamaa jiraachuu ibsuun, naannichatti lafa bal’aa iddoowwan baddaa fi sululaatti argamu guutummaatti makaanaayizeeshiniin qotuuf guyyaa har’aa ifatti gara hojiitti galamuu dubbataniiru.

Naannichatti lafa qonna arfaasaan misoomu keessaa %75 makaanaayizeeshinii fi teeknooloojiin deeggaruuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bara darbe lafti heektaarri miiliyoonni 2.3 kilaastaraan qotamuu yaadachiisuun, bara oomishaa kanatti dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Yeroo ammaa xaa’oon biyyee kuntaalli miiliyoonni 3.5 olii fi sanyii filatamaan qamadii, xaafii, garbuu, boqqolloo fi midhaan calla biroo kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 80 ol gama Yuuniyeenii garaagaraan qonnaan bultoota bira ga’aa jiraachuu eeraniiru.

Hanqina xaa’oo namtolchee mudachuu danda’u furuuf ammumarraa qonnaan bultootaan xaa’oon uumamaa meetrik kiyuubiin miiliyoonni 42 qophaa’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment