Naannoo Oromiyaatti koreen komaandi poostii tasgabbii gabaa hundaa’ee sochii eegale

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti koreen komaandi poostii tasgabbii gabaa hundaa’ee sochii eegaleera.

Koreen kun haala qabatamaa yeroo ammaatin gatiin meeshaalee bu’uraa fi tajaajila dabalatee kan hordofuu yoo ta’u, sadarkaa naannoo hanga gandatti hundaa’uunis ibsameera.

Rakkoowwaan daballi gatii kun qorannoo Biiroon Daldalaa Oromiyaa geggeesseen erga adda ba’een booda furmaataa fiduuf koree hundaa’eedha jedhameera.

Rakkowwaan adda ba’an kunis fedhii fi dhiyeessiin wal gituu dhabuu, sirni gabaa iftoomina dhabuu, sababa dhibee Covid 19 ta’uuni marii guyyaa har’aa taasifameen adda baheera.

Gama biraan ammoo dandeettiin bittaa maallaqa biyya keessaa bu’uu fi doolarri dabaluu,daldaltoonni faayida hin malle argachuuf tilmaamaa olitti gurgurtaa geeggeessuun isaan ijoodhas jedhameera.

Dabalataanis Ooomishawwaan biyya alaa irraa seenan ji’oota 6 darban kanatti dhibbeenta %50 gadi bu’uun warshaaleen biyya keessaa qindeessani irratti hojjechuu dhabunis akka rakkootti ilaalamuun waliin ga’insa irratti hanqinni akka uumamees biirichi ibseera.

Kana furuuf yeroo ammaa mootummaan koree akka biyyaatti ijaaruun hojitti seenamee kan jiru ta’uunis maricharratti dubbatameera.

Korewwaan akka Naannoo Oromiyaattii guyyaa har’aa irraa eegale hojiiwwan to’annaa fi hordoffii, bakka gabaa mijeessuu, hojii inspeekshinii gaggeessuun saaxiluu, hojii olaantummaa seeraa irratti hojjechuu, hordoffii nagahee gibiraaf taaksii irratti xiyyeeffachuun hojii gabaa tasgabbeessuu irratti akka hojjetamu ibsameera.

Koreen kun sadarkaa naannootti Itti aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun Misooma magaaloota Oromiyaa Aadde Caaltuu Saaniin walitti qabduu yoo ta’an, Biiroon Daldalaa itti aanaa fi Ejensiin gabaa Oromiyaa barreessadha.

Sadarkaa Godinaalee , Magaalotaa fi Aanaaleetti immoo Bulchitootaa fi kantiiban kan gaggeefamu ta’uunis ibsamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment