Naannoo Oromiyaatti Kitaabileen sirna barnootaa haaraan qophaa’aan miiliyoonni 2.9 raabsamuu ibsameera

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Kitaabileen sirna barnootaa haaraan qophaa’aan miiliyoonni 2.9 manneen barnootaa sadarkaa 2ffaaf raabsamuu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksiise.

Kitaabileen sirna barnootaa haaraan qophaa’aan kunneen manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Godinaalee fi Bulchiinsa magaalootaaf raabsamuu gorsaan biirichaa Obbo Eefireem Tasammaan ibsaniiru.

Naannichatti Kitaabileen barattootaa miiliyoonni 8 kan barbaachisu yoo ta’u, marsaa jalqabaan kitaabileen miiliyoonni 2.9 raabsamuu kaasaniiru.

Rakkoo hanqina kitaabilee barnootaa jiru furuuf manneen dubbisa kitaabaa, Barsiisotaa fi maatii barattootaaf soofti Koppiin raabsamuu himaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment