Naannoo Oromiyaatti invastimantii diinagdee sharfuu eegalan %50 ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti invastimantii diinagdee sharfuu eegalan %50 ta’uu Biiroo Invastimatiifi industiirii Oromiyaa beeksise.

Fooramiin abbootii qabeenya magaalaa Galaanitti gaggeeffameera.

Waltajjii kanarratti abbootiin qabeenya magaalattiitti hojii investimantiirratti bobba’an hirmaataniiru.

Hoogganan Biiroo Invastimatii fi Industiirii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa waltajjii kanarratti akka jedhanitti, warraaqsa diinagdeen hojiilee investimantii gurgudda gaggeeffamaa jiranis abbootii qabeenyaas hirmaannaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Akka Naannoo Oromiyaatti sochiin Invastimatii jiraatus kan humna guutuun hojiitti seenanii diinagdee sharafuu eegalan %50 ta’uu kaasaniiru.

Ammas sochiin investimantii naannichaan cimuu akka qabu himuun, fooramiin abbootii qabeenyaa ammoo sochii Invastimatii qajeelchuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Galaan Aadde Wayinesheet Gizaawu akka jedhanitti Sosochii diinagdee biyyaa keessaa ijaaruu dadammaqiinsa olaanaa kan uume ta’uu kaasanii kana keessatti abbootiin qabeenya gumaacha olaanaa bahataniiru jedhaniiru.

Akka Magaalaa Galaanitti abbootii qabeenya hedduun jiraatanis kanneen humna guutuun sochiin qabatamaa keessatti argamaan %41 ta’uu ibsaniiru.

%59 kan ta’anis guutummaatti sochiitti kan hinseenne ta’uu kaasaniiru.

Magaalaa Galaan investimantiif mijattuu ta’uu walqabtee abbootii qabeenya magaalitti humna guutuun socho’uu akka qaban dhaamaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment